Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeefrii Feeltimaan haanga’oota mootummaa Itiyoophiyaa waliin marii taasisan


Gaanfa Afrikaatti Jiila Adada Yunaaytid Isteets Jefrii Feeltiman (suuraa faayilii)
Gaanfa Afrikaatti Jiila Adada Yunaaytid Isteets Jefrii Feeltiman (suuraa faayilii)

Yemmuu wal waraansii kaabaa Itiyoophia baballachaa fi hammaachaa deemaa jiru kanatti gaanfa Afrikaatti Jiili addaa U.S Jefrii Feelt maan Itiyoophiyaa deemuudhaan hangaa’ota mootummaa Itiyoophiyaa waliin marii taasisaa jiru.

Dubbi himaan ministeeraa dhimma alaa U. S Niid Praayis akka jedhanitti, Jefrii Feelt maan, Itti aana muummee ministeeraa fi ministeeraa dhimma alaa Itiyoophiyaa Demeqe Mekonnen, Ministeeraa ittisa biyyaa Dr. Abrihaam Belaa, akkasumas Ministeraa maallaqaa Ahmed shiidee wajjin marii taasisaniiru.

Waa’ee marii taasifamaa jiruu baldhinaan wantti ibsamee jiraachuu baatus , akka Niid Praasi jedhanitti wal loliinsi adeemaa jiru akkaataa dhaabbuuchuu ganda’uuf karaa barbaachuudhaaf.

Ibsa kana irratti Jefrii Feelt maan muummee ministeeraa Itiyoophiyaa wajjin wal arganii haasa’uu ? jedhamee gaaffii dhihaateef dubbi himtuu Biillenee suyyum deebii kennaniin, amma ammaatti gaafiin dhihaatee fi sagaantaan qabamee akka hin jirre himaniru.

Ministira Haqaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyos fi Dubbii himtuu muummee ministira Itoophiyaa Billenee Siyyum
Ministira Haqaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyos fi Dubbii himtuu muummee ministira Itoophiyaa Billenee Siyyum


Ibsaa gaazexeessotaaf karaa marsaaritin kenname kana irratti , yemmuu gareewen mootummaan wal waraanaa jiran magaalaa gudditti biyyatii irraa kiiloomeetirii 300 irra jiran kanatti mootummaan yoo gara mariitti deema ta’e wantii inni ta’uu qaba jedhu maal akka ta’e gaafii dhihaateef Dr. Gediyoon Ximootiyoos deebii kennaniiru.

Itti aansuudhaan hokkora ykn wal waraansa balaaleffachuu qaba.

Mootummaan U.S dhiheenya kana waligaltee daldalaa qaraxa irraa bilisa ta’e isaa "AGOA" jedhamee beekamuu haquu ishee beeksiftee jirti.

Dhimma kana irratti gaaffii Dihaateef Dr. Gediyoon Ximootiyoos Deebii kennaaniin, waligalteen sun haqamuun isaa lammiilee Itiyoophiyaa 200,000 ol ta’an akka miidhu ibsanii wali galtee sana bakkatti deebisuudhaaf akka irratti hojjachatamaa jiru himaniiru.

hookkorri Itiyoophiyaa keessa jiru dirqama dhaabbachuu qaba. Mariin karaa nagaa hatattamaan jalqabamuu qaba. Dhukaassin haal duree kamiinuu malee dhaabbachuu qaba jedhaniiru.

XS
SM
MD
LG