Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa Dohaa,Qataar irratti USAn mootummaan galatte, Siifan Haassan warqii lama mootee addunyaa afaan qabsiifte


Siifan Hassan Shaampiyoonaa metirii 10,000 fo 1,500
Siifan Hassan Shaampiyoonaa metirii 10,000 fo 1,500

Addunyaan ijoollee ufii walti filtetti Dohaa,Qataariktti ooftee Shaampiyoonaa addunyaa irratti wal dorgomsiifachaa baate.Biyyaa fi naannoo 209 ispoortii hedduun irratti wal dorgoma bahe.

Ijoollee Amerikaatti medaaliyaa 29 warqii 14 haratee mootummaan galatee tokkeessoo bahe.

Keenyaan medaaliyaa 11 warqii 5n lammeessoo sadeessoo.Chaayinaan abreessoo Itoophiyaan medaaliyaa 8 warqii lamaan shaneessoo jirti

Leellisaa Deessisaa fi Muktaara Kadiritti maratoonii fi metirii 5,000n Itoophiyaa warqiin gale.

Siifan Hassan atileetiin Itoophiyaa ta durii amma Nezerlaandii dorgomtu barana miirresitee warqii lamaan galatte.

Guyyaa dheengaddaa metirtii 1500 irratti warqii tokko dabaltte, torbaaniin duratti ammoo metoirii 10,000 mootee warqii badhaasan.

Siifan porojeektii Nike godina Amerikaa Oregon jirutti leenjisa. metirii 1500 tana 3:51:95 mootee sekondii lamaaf rekoordii addunyaa dhabde.

Rekoordii amma isiin sekondii lamaaf dhabde tana Ganzabee Dibaabaatti harkaa qaba.

Dhiiraa fi dhalaalleen namii waluma gula metirii 1500 fi 3000 tana Siifan Hassan qofatti moo’e.

Albeertoo Salaazar,leenjisaa atileetoa ddunyaa bebeekamoo qorsa humna namaa kennuu atileetotaa kenne jedhanii hujii irraa dhaaban.

Nama kana dhaaba Amerikaa USDAti ganna 4f hujii irraa dhaabe.Albeertoon Mo Faaraa, Yoomiif Qajeelchaa,Siifan Haassanii fi nama hedduu leenjsie.

Yoomiif ammaaf leenjisaa haaraa qaxarachuuf yaada hin qabu.Siifan Hassan ammoo ammoo ispoortii fi qorsii humna namaa kennu walti duuduu hin malle jette.

Akka leenjisaan maratoonii Itoophiyaa, Haajii Adiloo jedhetti “Albeertoon waan akka nama dibatanii fakkeessee karaa atileetotii beekuu hin dandeenneen qorsa humna namaa kennuu qoodaa bahe jedhanii himatan,” jedhe.

Albeertoon ammoo “dhara himataniin” falmachuuf kurfoo jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG