Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Gadaa Galmee UNESCO Keessatti Akka Hambaa Aadaatti Galmeessame


Sirni Gadaa Galmee UNESCO Keessatti Akka Hambaa Aadaatti Galmeessame
Sirni Gadaa Galmee UNESCO Keessatti Akka Hambaa Aadaatti Galmeessame

Walga’ii hayyootaa qorannoon waa’ee sirna Gadaa irratti dhihaateen ka jalqabe deemsi sirna Gadaa akka ambaa aadaa hin qaqqabamneetti (Intangible Cultural Herritage) galmeessuu kaleessa milkiin xumurame. Ka biyyoonni gara digdamii afurii itti hirmaatan walga’ii waggaa UNESCOn Finfinneetti geggeesse irratti, sirna Gadaa akka amabaa aadaatti galmeessuuf sagalee kennameen sagalee guddaa argatee raggaasisame. Sirna Gadaa galmeessisuuf sochii godhamaa ture keessatti, abbootiin gadaa, hayyoonni Oromoo, Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Ministiriin Aadaa fi Tuurizimii Itiyoophiyaa qooda fudhatanii jiran. Sirni Gadaa UNESCOn galmeessamuun akka aadaan Oromoo beekamaan kun sadarkaa biyyaa fi sadarkaa Addunyaatti beekamu, uummata Oromoo fayyaduu irra taree biyya Itiyoophiyaa fi hawaasa Addunyaa ka biroof illee fakkeenya Dimookiraasii ganamaa ta’uun tajaajilu dubbatu, qorattoonni dhimma kanatti hirnaatan.

Kutaa 1ffaa kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Kutaa 2ffaa kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG