Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Adabbiin Ajjeechaa Hawaasa Funduratti Raawwatamu Dabalaa Dhufe


Somaaliyaa Keessatti Adabbiin Ajjeechaa Dabalaa Dhufuun dhabbilee mirga namatii falman yaaddeessaa jira
Somaaliyaa Keessatti Adabbiin Ajjeechaa Dabalaa Dhufuun dhabbilee mirga namatii falman yaaddeessaa jira

Biyya hookkaraan rakkattu - Somaaliayaa keessatti, gochaan haaraan, kan namoota murtii-seeraa malee ajjeesuu gochaa sammuu namaa jeequ ta’ee jira.

Manni-murtii waraanaa Mootummaa Somaaliyaa fi gareen finxaalessaa Al-shabaab bara 2017 keessa mata-mataatti gara namoota kudha-lamaa ajjeesan. Namoonni ajjeesaman martinuu fuula uummataa dura – bakka namoonni soddomaa haga dhibba sadii ga’an ilaalanitti ajjeesaman.

Ajjeechaan Somaaliyaa keessaa waan haaraa ta’uu dhaa baate iyyuu, lakkoobsi namoota haala kanaan ajjeesamanii dabalaa deemuu tu – dhaabota mirga dhala-namaa akka Amnestii Internaashinaalii fi jila Gamtaa Awurooppaa yaaddoo keessa galche.

Jilli Gamtaa Awurooppaa akka Motummaan Somaaliyaa adabbii ajjeechaa kana dhaabu gaafatee jira.

Qabsaa’onni mirga dhala-namaa, keessumaa – manni-murtii waraanaa Somaaliyaa, mirga seerri kennu irra cehee, otuu himatamtoonni of irraa ittisuuf illee carraa hin argatiin murtii ajjeechaa irratti jigsuu isaa jabeessanii balaaleffatan.

XS
SM
MD
LG