Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koleeraan Somaaliyaa Keessaa Hammaataa Jira


Koleeraan Somaaliyaa Keessaa Hammaataa Jira
Koleeraan Somaaliyaa Keessaa Hammaataa Jira

Gandeen koleeraa fi beelaan akka hamaatti midhaman kanneen to’annaa Al-Shabaab jala jiran waan ta’aniif dhaqqabuun rakkisaa akka ta’e ibsamee jira.Kanaaf jecha uummanni gara gandeen to’annaa mootummaa jala jiran kan akka Baaydo’aatti dheessuun wal’ansa gaafataa jira.

Somaaliyaa keessatti erga baatii Amajjii darbee kaasee uummata kuma 40 caaluu koleeraan qabamuun kan gabaafamee yoo ta’u baatii kana keessa roobnii argamuun immoo daran dhukkuba Koleeraa hammeessuun ibsamee jira.

Manaa fi Qe’ee ofii irraa kan godaanan namoonni 150,000 mooraa tokko keessa dahatanii jiru. Kanneen biroonis seenuu itti fufee jira. Guutuummaa Somaaliyaa keessatti guyyaa guyyaan namoonni 200 hanga 300 gidduu ta’an Koleeraan qabamaa ka jiran ta’u gabaafamee jira.

Koleeraan Somaaliyaa Keessaa Hammaataa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:34 0:00

XS
SM
MD
LG