Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaati Fixiinsi Gosootaa Geggeessamaa Jiraachuu Angawoonni Mirga Namaa Tokkummaa Mootummootaa Akeekkachiisan

Kutaa Sudaan gama kibbaa hanga tokkoo keessatti fixiinsi gosootaa geggeessamaa jiraachuu isaaf tarii immoo hammaachuu mala jechuu dhaan angawoonni mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa akeekkachiisaniiru.

Baatii Adoolessaa keessa erga lolli haaraan ka’ee as hookkarri biyyattii keessaa hammaatee jira. Gurmuun tokkummaa mootummootaa kan Sudan kibbaa siivilotaaf eegumsa gochuuf tarkaanfii hin fudhanne jechuu dhaan miseensonni hawaasa addunyaa qeeqanii jiru.

Akka gurmuun naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa – UNMISS jedhamu-- bakkawwan eegumsaa lafa irraa olka’oo ta’anii fi naanooleen meeshaa waraanaa irraa walaba ta’an handaara magaalaa Juubaatti tolfamuu isaanii dubbata.

Dubbi-himaan UNMISS – Shaantaal Persaud garuu, mooraaleen ijaaraman ka POC jedhaman mooraalee dhaabbatoo miti – jedhu. Ammaaf, loltoota Itiyoophiyaa tu konkolaataa Tokkummaa Mootummootaa fi lafoodhaan mooraalee sana to’ataa jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG