Xurree ittiin seenan

Breaking News

Industriin Boba'aa Dhadhabuun Dinagdee Addunyaa Miidha: Angawaa OPEC


OPEC ykn dhaabbata biyyoota petroliyumii oomishaniif muummicha barreessaa kan ta’an Mohammad Barkindo
OPEC ykn dhaabbata biyyoota petroliyumii oomishaniif muummicha barreessaa kan ta’an Mohammad Barkindo

Gatiin dhukuta boba’aa erga kaleessa baankiin qusannaa Federaalaa dhala baankii ijoo ol kaasee booda dabalee jira. Kunis dinagdeen cimuu isaaf mallattoo dha.

Gatiin doolaaraa ol ka’uun biyyoota maallaqa ka biroo fayyadamaniif qaalii dha. OPEC ykn dhaabbanni biyyoota petroliyumii oomishaniif muummicha barreessaa kan ta’an Mohammad Barkindo VOAf akka ibsanitti miseenosnni dhaaba kanaa fi kanneen miseensa hin ta’in waggoottan dhiyoo as rakkoon isaan mudatee jira.

Gatiin boba’aa dhibba irra harka 80 waan ta’uun gad bu’ee ture. Kampanileen dhibbaan laka’manis sababaa Kanaan oomisha dhaaban. Investmentiin gma Kanaan jiru illee gad deebi’e jedhan.

Angawoonni OPEC akka jedhanitti bara 2015 keessa investmentiin gama boba’aan jiru kan addunyaa dhibba irraa harka 26n gad bu’e. waggaa kana dhibba irraa harka 22n gad bu’a jedhamee tilmaamama. Haalli kun industrii boba’aa qofaaf utuu hin taane dhiyeessii hegereef jiru balaa irra waan buusuuf hawaasa addunyaa mara miidha. Oomishi boba’aa dinagdee addunyaaf murteessaa ta’uu illee Mohammad dubbataniiru.

Biyyi boba’aa alatti ergitu ijoo Saudi Arabian miseensa OPEC ennaa taatu Sadaasa 30 oomisha ishee guyyaatti barmeela kuma 486n kan gad cabsitu ta’uu beeksiste.

Sanbata dhuftu oomishtoonni miseensa OPEC hin taanee fi Raashiyaa dhaan hoogganaman oomisha guyyaatti barmeela kuma 558n gad cabsuuf walii galan. Xiinxaltoonni akka jedhanitti oomisha boba’aa murtaa’aa gochuun industriin kun waggaa dhuftu akka dandammatu gargaara.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG