Xurree ittiin seenan

Donaald Traamp ka yeroo tokko mormituu isaanii turan Rick Perry Ministara Inerjii akka ta’an filatan

  • VOA

Bulchaa kutaa Teksaas duraanii, Rick Perry

Filatamaan prezidaantummaa Yunaayitid Isteets, Donaald Traamp, ka yeroo tokko mormituu isaanii turan bulchaa kutaa Teksaas duraanii Rick Perry Ministara Inerjii akka ta’an filatanii jiran. Kana dura, "Ministriin kun akka kosii gatii hin qabneetti dhabamsiisamuu qaba," jedhanii turan Perryn.

Akkuma dorgommiin prezidaantummaa marsaa ammaa jalqabametti Kan yeroo lama prezidaantummaaf dorgomanii turan Ripubilikaantichi Rick Perry, “Traamp – warra safuutti cichaniif kaanserii dha” jechuun balaaleffataa turan.

Garuu, sagalee ga’aa dhabuudhaan akkuma dorgommii prezidaantummaa keessaa ba’anii otuu hin turiin, Traampiif deggersa isaanii beeksisan Perryn.

Akka Perry-n, Ministirii Inerjii hojjetoota kuma dhibba tokko qabu hoogganan, har’a sirnaan beeksisan – Traamp.

XS
SM
MD
LG