Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gazzexxeessoota Hidhuun Afrikaa Dhaa Sadaffaa Taate, jedha Gabaasaan CPJ


Gabaasa CPJ
Gabaasa CPJ

Waajirri isaa haadhoon Yunaaytid Isteetes keessa kan ta’e gareen mirga Gazexxesootaaf falmu ykn CPJn gabaasa baaseen bara 2016 keessa addunyaa irratti gazexxesoonni 259 hidhamuu ibsee jira. Addunyaa irratti gazexxesoota ari’achuu fi hidhuun itti fufaa akka jiru keessumaa biyya Tarkii keessatti Gazexxesoota irratti tarkaanfiin fudhatamu akkaan hamaa ta’u ibsee jira.

Biyyoota Afrikaa keessaa gaazzeessota 25 hidhuudhaan Masriin tokkoffaa, gaazzeessota 17 hidhuun Ertraan lammaffaa, gaazzexeessotata 16 hidhuun Itiyoophiyaan sadaffaa ta’uu beeksise – gabaasaan CPJ. Ertiraa keessatti gaazzexeessonni mana hidhaa jiran maatii fi fira ofii ituu hin argiin waggaa kudhan caalaaf akka tursiisaman gabaaseejira. Itti-aanasee ka jirtu Itiyoohiyaa ta’uu fi mormiin uummataa biyyattii iddoo adda addaatti yeroo ka’ee ture kaasee kanneen Interneetiin barreessan ykn bloogaroonni madda odeefannoo waan ta’aniif jecha hedduminaan akka hidhaman arginee jirra, jedha CPJn.

Kanaafis mootummaan tarkaanfii akkasii fudhachuu akka dhaabuuf gareen mirga Gazexxesootaaf falmu kun gaafateee jira.

Gama kaaniin waajira dhimmootii komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaaf ministeera kan ta’an Dr. Nagarii Leencoo ibsa kennaniin Gazexxeessaan itti gaafatamaa fi dirqama isaa beekee hojjata taanaan hidhamuu hin qabu. Garuu, hidhameeras yoo ta’e deemsa seeraan walaba ta’a, jedhan.Garuu, kanneen aguuggii gazexxesummaan waan biraa hojjatan hojiin isaanii isaan haa baasu, jedhan.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG