Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duula kanneen Hidhaman Hiiksisiuu


Namoota duula marsaa duraa 'Free to be home' jedhamuu filataman maqaa biyya isaanii wajjiin
Namoota duula marsaa duraa 'Free to be home' jedhamuu filataman maqaa biyya isaanii wajjiin

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddora US kan ta’an Samantha Power, ennaa ayyaana waggaa kana maatiin Amerikaa wal ga’anii ayyaaneffatan kanneen ayyaana waggaa maatii waliin kabajuu dhaban, kanneen ayyaana dhalootaa ijoollee ofii kabajuu dhaban, haadha, obboleessa, hiriyootaa ykn holloota keenya mootummaan sagalee isaanii ukkaamsee hidhaatti darbe yaadanna jedhan.

Baatiwwan ayyaana waggaa kana keessa mootummaan United States dhimma hidhamtoota naannoo adunyaatii haqi isaanii jala’ateef maatii isaanii dhiisanii hidhaa keessa jiranitti ilaalcha kenna jedhan.

Itti fufuu dhaanis ambaasaadderittiin kun seenaan namoota kanaa rakkoo maatiwwan hidhamtoonni siyaasaa keessa jiran cimaa ta’e mul’isa. Maatiwwan isaanii jal’atan waliin yeroo dabarsuun irra ture hidhaa keessatti dabarsaa jiran jedhu.

Yeroo guyyaan mirga namaa addunyaa kabajamu kanatti mootumoonni martinuu hidhamtoota siyaasaa kana mana ofiitti akka deebi’an akka gad dhiisan gaafanna. Jedha. Kanneen kunis Obbo Baqqalaa Garbaa Oromiyaa irraa, Ilgar mammasov, Azerbaijan irraa, Ole

Sentsov, Ukraine irraa, Khalil Matouk Syria irraa, Leopoldo Lopez, Venezuela irraa, Narges Mohammadi Iran irraa, Ilham Tohti, china irraa, Julio Alfredo Ferrer Tama Cuba irraa, Omar Mohamed Ali Masrii fi Fanta Jawara Gambiyaa irraa ti.

Gabaasa guutuuf kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG