Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaattoota : Dr.Mararaa Guddinaa Arguu Hin Dandeenye


Dura ta’aa paartii Kongresii Federaalawaa Oromoo fi itti aanaa dura ta'aa MEDREK, Dr. Mararaa Guddinaa
Dura ta’aa paartii Kongresii Federaalawaa Oromoo fi itti aanaa dura ta'aa MEDREK, Dr. Mararaa Guddinaa

Kan yeroo ammaa to’annaa mootummaa Itiyoophiyaa jala jiran Dr. Mararaa Guddinaa arguuf yaalii guyyaa sadaffaaf gochuu isaanii ka dubbatan abuukaatonni har’as “qorannaa jala jira arguu hin dandeessan deemaa” jedhamuu isaanii dubbatu.

Abukaatoo Dr Mararaa kanneen ta’an obbo Wondimmuu Ibsaa fi Dr. Yaaqoob H/Maariyaam waadaa aangawoota mooraa qorannoo maakalaawii biraa Roobii darbe nuuf galamee hundee godhannee har’a waaree booda sa’atii 8tti achitti argamne iyyuu itti hin milkoofne jedhan.

Dr. Mararaan nyaata maatii biraa seenuuf yeroo tokko tokko ituu hin nyaatiin akka deebisaa jiran kana malees yeroo ammaaa dhukkuba huuba-qonqoo ykn “TONSILITIS”jedhamuun akka rakkataa jiran dhageenyee jirra” ka jedhan Dr. Yaaqoob Dhukkubootni ammaan dura Dr Mararaan qabaataa turan illee akka itti hammaataa jiran dhaga’uu isaanii dubbatu.Angawoonni waaltaa qorannoo Maakelaawii garuu kana ilaalchisee haga ammaatti wanni dubbatan hin jiru.

Dhimma Dr. Mararaa kana ilaalchisee Abukaatoolee keessaa Obbo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanti himannaa Dr Mararaa kan ilaaleen aangawoonnii fi sabaa himaan biyyatti kan dubbatanii fi himatii mana murtiitti irratti dhiyaate adda addaa jedhu.

Gabaasaa Guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG