Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiin Dr. Mararaa Guddinaa Lama Hidhaa Dhaa Gad Dhiisaman


Dura ta’aa paartii Kongresii Federaalawaa Oromoo fi itti aanaa dura ta'aa MEDREK, Dr. Mararaa Guddinaa (Bitaa), dura ta'aa MEDREK Bayyanaa Pheexros (Mirga)
Dura ta’aa paartii Kongresii Federaalawaa Oromoo fi itti aanaa dura ta'aa MEDREK, Dr. Mararaa Guddinaa (Bitaa), dura ta'aa MEDREK Bayyanaa Pheexros (Mirga)

Sadaasa 21 bara 2009 walakkeessa halkanii booda to’annaa polisii jala kan oolan dura ta’aa paartii kongresii Federaalawaa Oromoo waliin kan qabaman dargaggoonni Taayyee Nagaraa fi Kumarraa Dalasaa jedhaman kaleessa galgala gara sa’a 11 gad dhiisamuun dhaga’ameera.

Miseensonni hoji raawwachiistuu paartii KFO fi jiraattonni naannoo akka jedhanitti dargaggoonni kun maaliif akka hidhamanis ta’e hiikaman sababaa isaa sirriitti hin beekan.

Gama kaaniin har’a waaree booda abukaatoleen Dr. Marraa obbo Wandimmuu Ibsdaa fi Dr. Yaaqoob H/Maariaam isaan arguuf waaltaa qornnaa yakkaa Maaikelaawwiitti argamanii ka turan ta’uu VOAf ibsaniiru.

Haa ta’u malee ennaa sanatti Dr. Mararaan qorannaa irra kan jiran ta’uun ibsameefii Jimaata Sadaasa 30 bara 2009 yoo dhufan arguu kan danda’an ta’uun itti himamuu isaa dubbatan.

Dr. Mararaa Guddinaa Roobii darbee qabee labsii yeroo hatattamaa Keeyata lama cabsaniiru jedhamuun to’annaa jala ooluun isaanii ni yaadatama.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG