Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kuusaa Jechootaa Oromoo Loqodaalee Mara Of-Keessaa Qabaatuu fi Marsaa Interneetii Irratti Hiika Kennu Qopheessuun Jalqabame


Kuusaa Jechootaa Oromoo Loqodaalee Mara Of-Keessaa Qabaatuu fi Marsaa Interneetii Irratti Hiika Kennu Qopheessuun Jalqabame
Kuusaa Jechootaa Oromoo Loqodaalee Mara Of-Keessaa Qabaatuu fi Marsaa Interneetii Irratti Hiika Kennu Qopheessuun Jalqabame

Ogeessonni Oromoo, ardiilee Addunyaa kanaa addaa addaa irraa walitti-dhufanii gurmaawan, Dikshinanarii yokaan Kuusaa Jechoota Oromoo, kan Afaan Oromoo gara Afaan Ingiliziitti hiiku, akkasumas, Afaan Ingilizii gara Afaan Oromootti hiiku, kan jechoota kuma dhibba sadi’ii fi shantamaa ol qabaatuu fi Dayaalektii yokaan loqodaalee kutaalee Oromoo adda-addaa of keessaa qabaatu qopheessuuf hojii jalqabanii jiran. EAST AFRIKAA MEDIA CORPORATION dhaabbata jedhu jalatti gurmaa’uun kan hojjetan beektonni Oromoo kun – torban tokko duula jechoota walitti qabuu jalqaban. Hojiin kun marsaan duraa baatiilee ja’a keessatti akka xumuramus abdataa jiran. Akka isaan jedhanitti hojiin isaanii ittuma fufa. Kuusaan jechootaa qopheessanis dura marsaa interneetii irratti maxxansamee tajaajila kenna. Kuusaan jechootaa kun loqodaalee naannoolee Oromoo maraa waan of keessaa qabaatuuf afaanicha waaltessuuf akka qooda guddaa gumaachu illee, qindeessitoonni proojektichaa ibsanii jiran. Beektota lammiilee biraa waa’ee Oromoo fi Afaan Oromoo qoratan, garuu barreeffamoota Oromoo dubbisuuf yokaan hiikkachuuf hiree hin qabneef ka carraa kennu ta’uu illee dubbatanii jiran. Torban dabre, geggeessitoota proojektichaa sadii ardiilee adda addaa irraa telefoonaan haasosfiisee jira.

Kana cuqaasuuun guutummaa marii kanaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG