Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhamuu Dr. Mararaa Guddinaa Kan Ilaaleen KFO ibsa Baase


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Qabsoo karaa nagaan gaggeeffamu kan tumsan Dr Mararaa Guddinaa seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf kan hirmaataa turan akka ta’e kan hubachiise ibsi Kongreesii Federaala Oromoo badii tokko malee hidhame jedha. Ibsa kana yeroo baasnuu mootummaan ilaalee deebii itti kenna jennee miti garu addunyaaf ibsuuf malee jedha KFO. Obbo Baqqalaa Garbaa fi hogganoota paartichaa ka biroo yeroo dheeraaf hidhaa keessa akka jiran ibsuun amma immoo Dr Mararaa Guddinaa itti dabalaa jiru jedha. Hidhamuu Dr. Mararaa kan ilaaleen waajiira dhimmootii komunikeeshinii Itiyophiyaaf ministeera kan ta’an Dr. Nagarii Leencoo gaafatamanii,

Akka odeeffannoo ani qabuutti, Dr. Mararaan ka hidhaman, haala labsii yeroo hatattamaa wajjiin wal-qabateeni. Isumayyuu ammoo, ka Paarlaamaan Itiyoophiyaa shororkeessota jedhee remade – dhaabbatoota shororkeessotaa wajjiin wal-quunnamtii-qabaachuun, waliin shira gochuun kan dhorkame waan ta’eef, shakkamanii to’annaa jala galfamanii jiru. Amma gaaddisa seeraa jala waan jiraniif, Dr. Mararaan kanatti shakkamanii hidhamuu isaanii ti amma kan ani beeku. Qorannaan irratti geggeessamee, himannaan irratti dhihaate immoo –hidhaatti isaan tursiisaa? Yeroo gabaabaatti walaba isaan taasisaa? inni jedhu garuu deemsa seeraatiin waan beekamu waan ta’eef, isuma eeguu wayya, jedhan.

Garuu, Dr Mararaa irratti himannaan dhiyaate shoroorkeessummaa ta’uu Abukaatoon isaanii ibsanii jiru.

Kana cuqaasuun guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG