Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasi Somaaliyaa Guddichi Kan OHIO Hookkaratti Duuluuf Wal Taana Jedhan


Faayilii - Baatii darbe Abdul Razaak Alii Artaan namoota lukaan deeman konkolaataan erga rukutee booda poolisoonni qorannoo yeroo geggeessan, Sadaasa 28, 2016, Ohaayoo
Faayilii - Baatii darbe Abdul Razaak Alii Artaan namoota lukaan deeman konkolaataan erga rukutee booda poolisoonni qorannoo yeroo geggeessan, Sadaasa 28, 2016, Ohaayoo

Mooraa yunivarsitii OHIO keessa haalli jiru tasgabbaa’ee jira.

Baatii darbe Abdul Razaak Alii Artaan namoota lukaan deeman konkolaataan rukutee san booda haalbee dhaan nama waraane. Kanneen miidhaan irra ga’e lubbuun hafaniiru. Poolisiin garuu Artaaniin bakkkuma sanatti itti dhukaasuun ajjeese.

Artaan baqataa lammii Somaaliyaa bara 2014 keessa maatii isaa waliin gara Ameerikaatti godaane.

Ynivarsitii biyyattii beekamaatti utuu hin darbin dura Kollejii naannoo jiru irraa qabxii ol aanaa argachuun eebbifame.

Horsed Noha, Masjiida Abubakar Assidiq irraa akka jedhanitti addunyaa lama kan amantiin Islaamaa akka carraa ta’ee garee cicihtootaa lamatti qoode keessa jiraanna. ISIS fi michoota isaa fi garee kaan kan jibbiinsa Islaamaan guutame jedhan.,

Masjiiduma kana irraa Mohamud Mohammed immoo biyya kana keessa waggoota 25n jiraadhe. Kanaaf nuti lammiiwwan Ameerikaa ti. Garuu nuti Musliima. Akka namoota ardii ka biroo irraa dhufeetti ilaalamuu hin qabnu. Nuti uumama adda biraa miti. nuti lammiiwwan biyya kanaa ti jedhan.

Robert Fitrakis abukaatoo maatii Artaan sodaan guutamanii ti.

Kan haaraa presidentummaaf filataman Trump haasaa dhageessisan ilaalchisee sodaa guddaatu jira. Sodaa hammaa ba’aan waan jiruuf jecha kaameeraan fuula isaanii mul’isuu isaanii illee hin beeku jedhaniiru.

Hawaasa Somaaliyaa magaalattii irraa Hassan Omar Dhere biyyattiin nagaa akka taatuu hawaasi isaanii ka deggeru ta’uu waadaa seenan.

Humnootii nagaa eegsisan waliin hojjechuuf fedha qabna. Mootummaa naannoo keenya, bulchaa magaalaa keenyaaf mara waliins hojjechuu feena jedhu.

Kolombos US keessaa baay’inni lakkoobsa lammiiwwan Somaaliyaa itti heddummaatu lammataa haa ta’u iyyuu malee bakka uummanni itti heddummaatetti sagaduuf sodaa qaba jechuu dhaan Artaan dhiyeenya dubbatee ture. Angawoonni Masgiida naannoo mana jireenyaa maatii isaa jiran Artaan hagas nama beekamu miti jedhanis, kanneen biroon immoo gocha dargaggeessa Kanaan kanneen birootti murteessu yaaddoo jedhu qabu.

XS
SM
MD
LG