Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Namoota Godaanan Qubsisuuf Hojjatamaa Jira 


FAAYILII - Buqqaatonni namoota dhuunfaa irraa nyaata yeroo argatan, Maqalee, Dilbata, Caamsaa 9, 2021.
FAAYILII - Buqqaatonni namoota dhuunfaa irraa nyaata yeroo argatan, Maqalee, Dilbata, Caamsaa 9, 2021.

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti uummata wal waraansaan manaa fi qe’e ofii irraa dheesse achuuma Tigraay keessa jiru Miliyoona 2.5 caalaa deebisanii qubsiisuuf hojjataa kan jiru ta’u wajirri hojjataa fi dhimmi gargaarsaa kan naannoo sanaa beeksisee jira.

Godaantonni kun harka caalaan Tigraay dhiyaakeessaa kanneen baqatan kanneen biroon immo Afaarii fi bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa ta’u hogganaan waajiricha Obbo Muluugeetaa Dabaalqaw ibsanii jiru.

Arjoomtoota biyya alaa wajjiin ta’uun warraa lafa itti deebi’an hin qabneef bakka dahannaa qopheessuu kanneen mana ofitti deebi’uu fedhan immo gandeen isaanti kan deebifaman ta’u ibsan.

XS
SM
MD
LG