Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNESCOn bara 2016 Gadaa Oromoo qarooma addunyan irraa barattu jettee mirkansite gaafasi asi Gadaan biyya keessaa fi alaatti hagam beekamte?


Ardaa jilaa Oromiyaa hedduutti galma abbootii gadaa jaaruutti jiran

UNESCOn bara 2016 keessa Gadaa Oromoo qarooma addunyaa jettee mirkanste gaafasii asi guyyaa kana guyyuma guyyaan ulfeessuutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:55 0:00

Gadaan qarooma Oromoon ganna hedduun duratti ufiin bulchaa,waliin gargaaraa baate. Dhaabii Barnoota,Saayinsii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaa,UNESCO bara 2016 keessa hambaa adudnyaa jettee mirkansite guyyaa kana gannuma gannaan ulfeessan.

Eegiii UNESCOn Gadaa galmeessitee asi biyya keesastti waan hedduutti hojjatte akka jecha itti gaafatamaaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obboo Kebbedee Destaatti.

UNESCOn waan mirkantii kennituuf; akka kunuunsan, horiin gargaaran,seera hammaate qajeelchan,sadarkaa addunyaatti beekisisan gargaarti.

Eegii Gadaa galmeessan asi akka obboo Kebbedeen jedhett.Digrii lammeessoo fi sadeessoon barsiisuutti jiran.Kutaa 1-8 keessa sirna Gadaa barsiisuuf kitaabii kuma 500 bahee qoodame akka itti gaafatamaan kun jedhutti.

Sirna lammuummaa keesatti dabalamee barsiisuutti jiran.Akka jecha obboo Kebbedeetti sirnii Gadaa sirna barnootaatuu qulqulleessuu dandaha.

Gadaan jabduu sirnii isiilleen jabaa bara hedduuf ittiin bulaa bahan.Sirnii barnoota isiilleen akkuma kana jabaachu qaba jedhu ogeeyyotii.

‘Abootii Gadaa siyaasaan wal hanqachuu qaban’

Akka obboo jecha obboo Kebbedeetti Gadaa waan Gadaa rakkisuutit jira

Harkatti itti heddate,abbootii qabeennaatii dabalee hedutti faayidaaf jedhee keessa seene.Gadaa rakkoo biyyaatiifuu fala taati warrii siyaasaalleen gama ufii deebifahuu fedha.

Abbootiin Gadaalleen walqixxee hubannoo hin qaban.Tana dhaabuuf Gadaa mallattoo tokkummaa Oromooti, siyaasaa kamiifuu walqixxee kan tahe, siyaasaa ala tahaiiakka hojjatan carraaqaa jirra.

Galma abbootii gadaa

Oromiyaatti fulaa hedduutti galma abbootii gadaa jaaran; Shawaa, Baalee, Finfinnee,Harargee,Karrayyuu fi fulaa hedduu. Horii haga tokko ummatatti baafataa kaan mootummaatti gargaara.

Boorana,ollaa Kubii-Curraatti akka obboo Kebbedeen jedhetti horii ummatii walti qabate,muummeen ministeraa kitaaba isaa keessaa kennuuf waadaa galee fi horiin mootummaan itti dareen jaaruuf qophii jiran.

Wannii galma Boornaa fi Gujiitti jaaran turse dizaayina durii baasanii ture amma irra deebihuutti waan jiraniif.

Ganna afreessoo UNESCOn Gadaa itti galmeessite Gujii Dhiyaatti ulfeessuuf

Guyyaa kana barana yuniverstii Bulee Horaatti kabanan. Guyyaan guyyaa waan qaban wal irraa baratan,waan beekan wal barsiisanii aadaann jabeeffatan.

Guyyoo Dooyyoo,barreessaa,qorataa fi nama durii yuniverstii barsiise.Kitaaba bulchiinsa Afrikaa irratti barreesse keessaa Liberty and Leadership in Africa herrega bulchiinsa Afrikaati fi adduyaa wal bira qabee walti fiduuf jedhee.

THE QUEST FOR RE-GROUNDING AFRICAN PHILOSOPHY BETWEEN THE TWO CAMPS: THE ALTERNATIVE AND THE CONCEPTION OF AFRICAN PHILOSOPHY BINARY.

Afaan Oromootiin ammoo Carraa Ilmaan Waraaboo fi barreeffama saayinsii journal hedduu barreessellee.Koree kitaaba Afaan Oromoo kutaa 1-8 barreessitellee keessa jira

Akka jecha isaatti UNESCOn bara 1946 gara dhumaa keessa dhaabate Gadaa Oromoo ammoo bara 2016 keessa mirkansite. Silaa adoo duristee galmeessitee addunyaanuu faayidaa guddaa irraa argatti jedha.

UNESCOn Gadaa galmeessitee jedhanii wagguma waggaan guyyaa yaadannoo qopheessuu qofaa mitii haga duriillee caalaa jabeeffachuu qaban jedha.

Kitaaba kutaa Afaan Oromoo kutaa 1-8 barreessuufuu akka jechatti ufi eegachaa qorachuuf jecha irra turan.

Digirii lammeessoo fi sadeessoollee barsiisuuf ariifachuun dura jabeessanii ogeeyyotaan qorachuu qaban jedha.Itti gaafatamaan B/A/T/O ammoo sirnii Gadaa qulqullinna barnootaatiifuu bu’aa guddaa

UNESCOn Itoophiyaa keesastti waan hedduu galmeessitee mirkansite gaarren ,laga,manneen amantii kiristaanaa fi waan hedduu mirkanse.

XS
SM
MD
LG