Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii Mana Maree Federeshinitti Hin Hirmaannu: Bulchiinsa Naannoo Tigraay


(Suraa faayilii)

Manni marii Federeshinii kan Itiyoophiyaa walgahii hatattamaa inni Sambata Fuulbaana 05 bara 2020 waamee ajandaan isaa maal akka ta'e waan ibsamneef jecha bakka buutonni isaa irratti kan hin hirmaannee ta'u bulchiinsii mootummaa naannoo Tigraay walgahii haatattamaa har'a gaggeesseen murteessee jira.

Manni marii bulchiinsa naannoo Tigraay har'a gumii arifachiisaa 10ffaa kan waggaa 5ffaa gama Vidiyoo Konfraansiin gaggeesse.

Filannoo Tigraay keessaa danquuf ykndhaabuuf jecha manni maree Federeshinii murtii dabarsuuirraa akka of-qusatuuf kan kaleessa kaabineen naannoo murtii dabarse Bulchiinsii naannoos kan deggeru ta'uun ibsameera jechuun Muluugeetaa Atsebahaa gabaasee jira

Yaadawwan Ilaali (12)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG