Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waltii Bu’iinsa Humnoota Israa’eli fi Palastayiinoota


Waltii bu’iinsaa humnoota Israa’eliif Palastayiinoota gidduutii Gazaadhaaf Kibba Israa’el keessati ummameen Palastayinoonnii 70 ol yemuu du’an, mootummaan Israa’el ammas waraana lafootiin daangaa Gaazaa wareruudhaaf qophaa’aa akka jirtu gabaasameera.

Ergaa lolii giduu kana jalqabamee as gareen hamaas rooketii 1600 gara Isiraa’eliti dhukasaniiru jedhameera. Akka umnootin israa’el jedhantii rookeeti dhukasaman keessaa caalaa isaa qolatanii, 400 garuu lafa bu’anus bakka iti akeekaman ittuu hin gahin hafaniiruu jedhaniiru.

Haleellaa hamaas rookeetiidhaan raawwate kanaaf isiraa’el haleellaa xiyyaaratiin deebii kenna jirti. Haleellaa israa’el Kanaan hogganaa waraana hammas kan naannoo Gaazaa Bassem isaa jedhamu dabalatee hoggantoonii waraan hamaas ajjefamuu isanii gareen lammanuu dubbataniiru.

Israa’el gama isheetiin injineeraa palastaayiin isaa rookeetii tolchu ajjeeseera jetteti.

Amma ammaatii haleellaa Israa’eliin, daa’immaan 26 fi dubartoonnii 6 du’uu isaanii ministeerrii fayyaa bulchiinsa Gaazaa beeksisaniiru. Rookeetii hamaas dhukaaseen isiraa’elooni heduun yemmuu du’an isaan keessaas daa’imnii wagga 6 akka argamtu gabasameera.

XS
SM
MD
LG