Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warrii lafaa 'dhukkuba ttiittee’ jedha bulchiinsii ammoo ‘sandfly' jedha Booranaa, aanaa Dillootti nama hedduutti dhibamee hospitaala jira


Oromia map
Oromia map

Boorana aanaa Dillootii nama kurnya hedduutti dhiba 'ttiittee' ka bulchiinsii afaan saayinsiin 'sandfly' jedhuun dhibame akimachuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:11 0:00

Godian Booranaa aanaa Dilloo keessaa nama hedduutti akimiif Yaaballotti yaa’uutti jira.

Akka nami hagii tokko jedhutti nama 100 caalutti dhukkuba dhiba biinii fakkaataa fakkaata jedhan kana ufi irratti arge. Ka kanaan lubbuu dhabelleen hinuma jira jedhan.

Dhukkubii kun akka itti gaafatamaan biiroo fayyaa godina Booranaa aabba Rooba Dheengee jedhutti biinnii fakkaata.

Aanaa Dilloo keessallee fulaa bisaan maashinaa jiran,Alaa Booraa keessa nama hedduutti dhibame.Goollciha Diidaa gurbaa mana ganna 20 keessa jiru.

Ganna ganna 8n duratti dhiba kana ufi irratti arge gaafas namii hurrisee hin akimannee nama hedduutti lubbuu dhabe jedha.

Baranallee dhibii kun itti deebi’ullee ufi ya qulqullaahee fayya.Taatullee hospitaaluma Yaaballotti obboleeyyan isaa lama akimsiisuutt jira. Haga guyyaa 28 asi hospitaaluma kana jiraa jedha.

Akka jecha isaatti nama 4tti dhiba kanaan lubbuu dhabe.“Amma 68 waliin hospitaala Yaaballoo jirra. Namii asi jiru roobaan jireessa.Namii Magaadoo akkana dhufuutti jira.”

Dhiba kanaan nama hedduutti dhufaa akimachaa wal irraa galuutti jira.Milkikeetii nama dhiba ‘tiittee gurraahcaa ykn sand fly fuudhee akka Diidii jedhutti

  • Hin muusa'a
  • Hirriiba namatti buusa
  • Humna nama dhowwa
  • Hagii tokko waan gaafatan hin beeku

Akka itti gaafatamaan biiroo fayyaa godinaa,aabba Rooba Dheengee jedhutti dhibii kun kooticha goggoe keessaa gadi yaa’a.

Wannii akka tiittee kun halkan nama nyaatti.Akka Diidii jedhutti womatti mimmiyoo namatti buusaa hin arganillee.Waan akkanumatti nama gadi jigu fakkaata. “Baatirii itti ibsanillee hin argan.”

Warrii akimii ammoo ‘DL’ jedhaa yoo akimatan hinuma fayyan jedha.

“Dhibii kun duriillee 1,2,3 jira amma ammoo hedduutit jira,” jedha aabba Rooba Dheengee.Dhibii kun dhiba gammoojjii “neglected tropic disease” jedha keessa jira.

Nama hedduutt dhiba ‘ttiitee gurraahcaa’ jedhee akimate gale. Taatullee ammatti wannii laabratoorii mirkanaahe hin jiru jedhan.

Namii dhiba akkanaa kana akimate gale akka aabba Rooba Dheengee jedhetti Adoolessa keessa nama 52.

Biiroon Fayyaa Godina Booranaa dhiba kana 'tiittee gurraachaa' kana faluuf

  • Warra gara biyyee kootichaa qubate biyyee diimtuu ardaa Mataa-Lafaatti oli baafte
  • Agoberii jala buluu
  • Dhiba kana ufi irratti arginaan akimadhaa jettee dhaamte

“Namii tanaan dhaabbilee fayyaatti lubbuu dhabe hin jiru,” akka Biiroon Fayyaa Godina Boornaa jedhutti.

Waan dhiba kanaa ammoo qorachumatti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG