Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artiist Haacaaluu Hundeessa Murtii Haqaa Hin Arganne: Hiyumaan Raaytis Waachiif  Daayreekteera Biyyoota Gaanfa Afrikaa


Artiist Haacaaluu Hundeessaa
Artiist Haacaaluu Hundeessaa

Jaarmayaa mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raaytis waachiif daayreekteera biyyoota gaanfa Afrikaa kan ta’an Latishaa Beeder Twiitarii ofii irratti akka barreessanti, eega ajjeefamee waxabajjii 29 bara 2021 jechuun Kibxata kaleessa waggaa kan guutee wellisaa fi qabsa’an ka ta’e Haacaaluu Hundeessaa, duutii isaa haala jijjiree cunqursaa namootaa fi hokkarri Itiyoophiyaa keessatti akka ka’u gochuun waggaa tokko guutee yeroo jiru kanatti ajjeefamuu isaaf eenyuu akka itti gaafatamaa ta’e illee hin beekamiin jira jedhan.

Walleeleen Haacaaluu sochii mormii oromootaa kan Dr. Abiyyi aangootti fidee hundee ture kan jedhan aangawattiin garee HiYumaan Raaytis waatch kun,daragaggonni sirboota mormii dhageesisan akkasumas kanneen bilbila ofii irratti qaban irratti qiyyaafatamee hidhamaa turan jedhan.

Ajjeefamuu Haacaaluu sana booda Oromiyaa keessatti hokkara uummata sab-xiqqaalee ta’an irratti gaggeeffameen akkasumas humnootiin nageenyaa tarkaanfii gara jabeenyaa fudhataniin namoonni 100 caalan ajjeefamaniiru jedhanii iddoo hedduutti humnootiin mootummaa tarkaanfii jabaa fudhatchuun kumaantama oromiyaa keessaa hidhuun namoota paartilee mormiitus to’annaa jala oolchan jedhan

Baatileef kan callisan maatiin Haacaaluu isaaf murtiin haqaa haa kennamuu jechuun gaafataa jiru jechuun aangawittiin Hiyumaan Raaytis waach Latishaa Beeder Twitarii ofii irratti barreessanii jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG