Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Wal Taatota Saa’udii Yemen Bakka Ripxe Loltoonni Qabatan Samii Irraan Haleelan 


Gamtaan wal taatotaa Saudii ripxe loltoota Yemen kanneen Iraaniin deggeraman lolan, haleellaa samii irraanii harawaa kan waraanaan bututte magaalaa galma mootummaa Yemenii fi konyaalee ka biroo keessatti raawwatanii jiran.

Haleellaan samii irraan dilbata kaleessaa geggeessme kun haleelaalee misaayilaa fi xayyaara nam maleeyyii dhiyeenya Saaud Arabiyaa irratti darbamee fi ripxe loltoonni Iraaniin deggeran itti gaafatama fudhatan ijaa ba’uuf jecha.

TV saatelaayitii warren hutuun hoogganamu al-Masrirah akka gabaasetti yoo xiqqaate haleellaalee samii irraanii torbatu konyaalee Sana’aa Attaan fi al-Naadaa irratti raawwatame. Walitti bu’iinsiYemen keessaa kan ka’e, waggoota ja’a dura erga ripxe loltoonni Houtii magaalaa galma mootummaa biyyattii-tti duulanii irra hedduu kutaa biyyattii gama kaabaa to’atanii booda.

Yaadawwan Ilaali (6)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG