Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Namoomaa Itti Dabalaa Naannoo Tigraayiif Kan Kennitu Ta’uu Labsite 


Faayilii - Mucaa oggaa 8, Abeel Guwesh, wal-waraansa tigraay keessaa irratti madaahee. Suuran kun bakkka itti yaalamaa jiru, Maqalee Hoospitaala Aydar keessatti kaafame, Guraandhala 25, 2021
Faayilii - Mucaa oggaa 8, Abeel Guwesh, wal-waraansa tigraay keessaa irratti madaahee. Suuran kun bakkka itti yaalamaa jiru, Maqalee Hoospitaala Aydar keessatti kaafame, Guraandhala 25, 2021

Yunaayitid Isteetis rakkoo namoomaa naannoo Tigraay keessaaf kan oolu gargaarsa itti dabalaa doolaara miliyoona $52 gumaachiteetti. Erga rakkoon gamasii jalqabee qabee Ameerikaan gargaarsa namoomaa doolaara miliyoona $153 kennitee jiti.

Deggersi uummata Ameerikaa kun michoonni gargaarsa namoomaa kan sadarkaa addunyaa uummata miliyoona 4.5tti kan tilmaamamu kanneen Tigraay keessaaf baqattoota 62,000 kanneen Sudaanitti baqatan akka deggran kan taasisuu dha. Gargaarsi kun kunuusa lubbuu oolchuu, qubsuma, kunuunsa eegumsa fayyaa midhaan nyaataa yeroo hatattamaa, bishaan, fi meeshaa tajaajila qulqullina dhuunfaa fi kan naannoof oolu akka gumaachan gargaara.

Sababaa walitti bu’iinsa kanaan maatii adda faca’e deebisanii wal agarsiisuuf oola. Dhaabbati misoomaa kan sadarkaa addunyaa kan Ameerikaatti gareen gargaarsa yeroo balaa tattaaffii gargaarsa namoomaa Ameerikaan kennituuf deggersa godhu itti fufee jira.

Rakkoon namoomaa Tigraay keessaa hedduu nu yaaddessa jedha ibsi Yunaayitid Isteetis kun. Mootumaan Itiyoopiyaa gargaarsi namoomaa akka dhaqabu cicha qabaachuu isaa an simannu ta’us, hawaasi addunyaa, meeshaalee quunnamtii fi kan dhaaboliin gargaarsaa itti gargaaraman irra uggurri jiru akka ka’u akkasumas hojjettoota gargaarsaaf yeroo viisaa dheeressuu dabalatee cichawwan jedhame mara dammaqinaan akka horodofu qaba jedha. Hojjettoonni gargaarsaa sababaa walitti bu’iinsa sanaan lammiiwwan miidhaan irra ga’eef deggersa yeroo isaa eeggateef isaan barbaachisu akka ittiin ga’an daandiin saaqabuufii qaba.

Furmaanni siyaasaa utuu hin argamin haalli namoomaa hammaataa adeema. Waraansi dhaabachuu, humnoonni Eertraa gamasii ba’uu fi mootummaan Itiyoopiyaa humnota naannoo Amaaraa gara Tigraayitti bobbaasuu dhaabuun dhaabuun tarkaanfii barbaachisaa isa duraa ti.

Humnoota ittisa biyyaa, humnoota TPLF, humnoota Eertraa ykn humnoota naannoo Amaaraas haa ta’an kanneen dhiittaa mirga namaa fi gocha suukaneessaa uumameef itti gaafatamoo ta’an martinu seeratti dhiyaachuu qabu. Yunaayitid Isteetisii fi hawaasi addunyaa mootummaan Itiyoopiyaa qorattoonni walabaa kan sadarkaa addunyaa fi biyya keessaa dararaa jiru qoratanii kanneen itti gaafatamoo ta’an akka adda baasan cicha gale kabajuu isaa itti dhiyeenyaan hordofaa jiru.

Rakkoo kanaaf deebii kennuuf jecha gumaacha arjoomtota ka biroo simataa, kanneen biroo rakkoo Tigraay keessatti uumameef gargaarsa namoomaa hatattamaa akka kennan ni gaafanna jedha ibsi kun.

XS
SM
MD
LG