Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rabbi Nama Wal Qixxee Uume; Itti Fayyadama Keenyatu Adda Adda Malee: Haadha Qabxii Olaanaan Eebbifamte


Fooziyaa Jamaal Abdallaa

Baatiin keessa jirru Bitooteessa kan seenaan Dubartootaa itti yaadatamuu ta'uun beekama. Keessuummaan keenya har'a waa'ee ishee dhiyeessinu Fooziyaa Jamaal Abdallaa Jedhamti.

Yunuvarsitii Odaa Bultum irraa qabxii ol’aanaa galmeessuun barnoota Ikonomiksiin eebbifamte. Gosa barnootaa ykn Korsii walii galaan waggaa afur keessatti fudhattee 38 keessaa 31 A+ kanneen hafan 7 immoo A argachuun qabxiin walii galaa ka waggaa afuuriif (GPA) 4.00 argachuun eebbifamtee achuma Yunivarsitii Odaa Bultum keessatti akka barsiiftuuf ramadamte.

Kutaa 11 barataa yeroo turtetti kan heerumte Fooziyaan barattuu Yunivarsitii waggaa lammataa taatee ituu jirtuu ulfooftee mucaa deesse. Sunis barnoota ishee irraa duubatti akka ishee hin deebisiin dubbatti. Milkaa’ina kanaaf deggeersi abba warraa ishee fi kan maatii ishee akka iddoo ol’aanaa qabu ibsite, Fooziyaan.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa

Rabbi Nama Wal Qixxee Uume; Itti Fayyadama Keenyatu Adda Adda Malee: Haadha Qabxii Olaanaan Eebbifamte
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:11 0:00


Yaadawwan Ilaali (18)

XS
SM
MD
LG