Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudan Falmii Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Mariin Qaama Afur Hirmaachise Akka Geggeessamu Gaafatte 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Sudaan dhimma hidha Laga Abbayaa irratti wal-danqaa Itiyoophiyaa waliin uumamee jiru ilaalchisee mariin qaamota afur hirmaachisu akka geggeessamu sirnaan gaafattee jirti.

Sudan Falmii Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Mariin Qaama Afur Hirmaachise Akka Geggeessamu Gaafatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:56 0:00

Tokkummaan Mootummaataas kana irratti yaada gama isaa kennee jira. Gabaasaa Naabaa Muhiddin akka gabaastetti Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdok tokkummaa mootummootaa, gamtaa Afriikaa, gamtaa Awrooppaaf Yunaayitid Isteetisiif xalayaa wixata erganiin Sudaanii fi biyya hollaa Masriin attamiin Itiyoopiyaan hidha laga Abbayyaa bishaaniin akka guuttu irratti walii galtee seeraa irra ga’uu akka danda’an gaafatan.

Itiyoopiyaan hidha humna ibsaa maddisiisu bara 2011 keessa ijaaruu kan jalqabde yoo ta’u bara 2020 keessa yeroo jalqabaaf hidha sana bishaaniin guutu jalqabuun isee mariin yeroo dheeraaf geggeessamaa ture akka adda citu taasise. Mootummoonni Masrii fi Sudaan hidhi laga Abbayyaa biyyota Abbayyaan gad jiraniif dhiyeessii bishaanii xiqqeessuu dhaan uummati isaanii qonnaa akkasumas jireenya guyyuuf waan itti jiraata dhabsiisa jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Xiinxalaa dhimma nageenyaa Sudaan kan ta’an Hanfii Abdallaa falmiin Itiyoopiyaa fi Sudaan gidduu kessumaa yoo biyyoonni kun walii hin galle muddama naannoo jiru hammeessa jedhan.

XS
SM
MD
LG