Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Yunaayitid Isteetis Seera Imigireeshinii Lama Raggaasisuuf Jecha Sagalee Kennuuf Jiru  


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dunkaana daangaa Meeksikoo irra jiru keessati hidhamanii kan jiran ijoolleen afurtamni ijoollee maatiin bira hin jirre kanneen 4,200 ta’an fi baay’inni isaanii dhiyeenya angawoota Yunaayitid Isteetisiif humnaa ol ta’e, bulchiinsi Baayiden akka inni falmuuf sababaa ta’e.

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Yunaayitid Isteetis Seera Imigireeshinii Lama Raggaasisuuf Jecha Sagalee Kennuuf Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00

“Akka bulchiinsi Tramp godhe, nuti biyyaa isaan hin baasnu. Ijoollee kana fudhannee, hamma isaan maatii isaanii waliin wal arganitti tajaajila fayyaa fi eegumsa fayyaatti dabarsinee kennina” jedhan.

Lakkoobsi daangaa irratti dhiyeenya heddummaate kun bulchiinsi Baayiden inni haaraan Ameerikaan amma kanneen dadhata siyaasaa barbaadan ni simatti hubannoo jedhuuni. Dhaabbati bulchiinsa hatattamaa kan federaalaa yeroo ammaa gargaarsa kennaa jira.

Dubbi himtuun White Hous akka jedhaitti inni kun kan tarkaanfii prezidaantichi ni gargaara jedhan yoo ta’u, garuu furmaata dhumaa utuu hin taane adeemsa isaa saffisuuf kan gargaaru, uummati daangaa ce’ee dhufu kunuusa eegumsa fayyaa argachuu isaanii mirkaneessuuf kan gargaaru. Lakkoobsi jiru hedduu guddaa dha. Kun qormaata guddaa dhas jedhan.

Kanneen naannoo daangaa daawwatan Ripaablikaanonni akka jehanitti Baayiden rakkoo jiru daran hammeesse jecuu dhaan, kaan immoo imaammati isaanii shororkeessonni daangaa US akka qaxxaamuran eeyame jechuun himatan.

XS
SM
MD
LG