Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Naannoo Tigraay fi Amaaraa Wal Himataa Jiru


Faayilii - Magaala Maqalee, Itoophiyaa
Faayilii - Magaala Maqalee, Itoophiyaa

Tigraay dhiyaa keessa jiraataa kan turan dhalattonni Tigraa 700,000 caalaan humna addaa bulchiinsa naannoo Amaaraan dirqiisifamanii godaanuu bulchiinsii yeroo kan naannoo Tigraay beeksisee jira. Kunis rakkoo gargaarsa dhala namaa daran hammeessas jedhe.

Himatii dhiyaate kun soba jechuun bulchiinsii naannoo Amaaraa deebii kennee jira. Dhalattonni Tigraay kanneen lakkoobsaan hagana ga'an naannoo sna jiraataa hin turre jechuun itti gaafatamaan waajira komumikeeshinii bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Gizaachoo Mulunah dubbatanii jiru.

Iddoo sana Tigraay dhiyaa jedhanii waamuun sirrii miti jedhanii ammaan dura gaaffii eenyummaa kaaftan jedhamuun namoonni iddoo sanaa kaafaman 500,000 caalaan amma deebi'aa jiru jedhu.

XS
SM
MD
LG