Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Somaalee Keessatti Caamnii Mudatee Jira


Faayilii - Naannoo Somaalee, aanaa Danaan, Bara 2017
Faayilii - Naannoo Somaalee, aanaa Danaan, Bara 2017

Anaalee bulchiinsii naannoo Somaalee qabu 93 keessaa 44 caama hamaan miidhamuu koomiishiinarri koomishinii hoggansa hojii yaaddoo balaa Dr. Abduraahman Sheek Bihiil ibsanii jiru.

Robnii dhabamuu hordofee caamnii dhufuu isaa fi kan horsiisee bulaan itti hedduumaatu waan ta'eef gara bolla bishaanii ammaan dura qotamanitti qajeeluuf dirqamuun ibsamee jira.

Konkolaataa Bottee ammaan dura bitaman looniif bishaan dhiyeessaa kan jiran ta'uus ga'aa akka hin ta'iin akkasumas hanqiinni bishaanii kun godinaalee kanneen biroo keessattis akka jiru ibsamee jira.

Gama kaaniin weerarrii Hwwaanisaa ammaan dura mudatee, marga dheedichaa irratti rakkoo uumuu isaa qaamonni gargaarsa kennan akka jiran ibsamee jira.

Mootummaa Federaalaa qofa otoo hin taanee bulchiinsii naannoolee adda addaa gargaarsa akka gumaachan ni eegama jechuun Addis Chekool gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG