Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Amerikaa Imaltuu Diploomaasii Irra Jiru


Ministrii dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkin Tokiyoo yeroo daawwatanitti

Koriyaan Kaabaa fi Chaayinaan rakkoo jabaa uumaa jiran kan ilaaleen ministeerri ittisaa kan Yunaaytid Isteetes Loyiid Ostiin akeekkachiisa kennanii jiru.Waashiingtan fi biyyoota Eshiyaa Michuu ta'an gidduu walitti dhufeenya jiru jajjabeesuuf jecha Ostiin imaltuu irra ituu jiranii kanajedhan.

Ostiin Robii har'a ministrii dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkin waliin Koriyaa Kibbaa kan seenan yoo ta'u sana dura immoo Tokiyoo, Jaapaanti imalanii jiru.

Prezidaant Baaydiin aangoo eega qabatanii as imallii diplomaasii kan sadarkaa olaanaa ennaa gaggeeffamu kun ka duraati.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG