Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Filaadelfiyaatti Imalan


Prezidaantiin Yuaanyitid Isteetis, Joo Baayiden, baajeta Biliyoona tokkoo fi qabxii sagal ka mootummaan isaanii namoota fi daldalawwan xixiqqaa sababaa Vaayirasii Koronaatiin galiin isaanii miidame bayyanachiisuuf jecha remade, ka torban dabre mallatteessan ibsuuf jecha, har’a gara handaara magaalaa kutaa Filaadelfiyaatti imalanii jiran.

Ministarri Preesii, kan Waayit Haawus, Jen Psaakii, kaleessa ibsa kennaniin, baajetni bayyanachiisaa kun – daldalawwan sabxiqqaalee dabalatee, daldalawwan xixiqqaatti fuuleffachuun gargaaree, akka isaan hojjetoota isaanii otuu fayyaa isaanii balaaf hin saaxiliin hojii irra tursiisan ka taasisu tahuu dubbatan.

Itti-aantuu Prezidaantiin Kaamelaa Haarisii fi abbaan warraa isaanii – Daag Imoofis, har’a, kutaa Koloraadoo keessatti, eega kilinikii talaalii Koovid tokko daawwatanii booda, abboota qabeenyaa daldala xixiqqaa wajjiin walga’uudhaan, dhimma kana irratti mari’atanii jiran.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG