Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Uummata Sudaan Kibbaa Miliyoona 6.6 Beela’e Gargaaruuf Doolaara Biliyoona 1.7 Gaafate  


Jaarmayaan Tokkummaa Mootummootaa karoora isaa gargaarsa namoomaa Sudaan Kibbbaa, ka bara 2021 kalaeessa ifa baaseen, yaaddoo nyaataa fi rakkoolee yaaddessoo kanneen biroo biyyattii keessaa furuuf doolaara Biliyoona tokkoo fi miliyoona dhibba toorba akka isa barbaacbisu beeksise.

Sudaan Kibbaatti qindeessaan gargaarsa namoomaa Tokkummaa Mootummootaa, Aleen Noodihuu akka ibsanitti, maallaqichi gaafatame xumura waggaa kanatti uummata miliyoona jahaa fi kuma dhibba jaha gargaaruuf ka barbaachisu tahuu hubachiisan.

Kana malees baqattoota Sudaan Kibbaa miliyoona 2.2 biyyoota ollaa sanaa keessa jiran gargaaruuf, gargaarsa Doolaara Biliyoona 1.2 gaafatee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Tokkummaan Mootummootaa Uummata Sudaan Kibbaa Miliyoona 6.6 Beela’e Gargaaruuf Doolaara Biliyoona 1.7 Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00


XS
SM
MD
LG