Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezdentiin Taanzaaniyaa Joon Magiifulii Du’an


Prezdentii Taanzaaniyaa shanaffaa ka turan, Joon Poombee Jooseef Magifuulii
Prezdentii Taanzaaniyaa shanaffaa ka turan, Joon Poombee Jooseef Magifuulii

Prezdentiin Taanzaaniyaa Joon Maagifuulii dhukkuba onneetiin du’uu mootummaan biyyaattii ifoomse.

Prezdentii Taanzaaniyaa shanaffaa ka turan Joon Poombee Jooseef Magifuulii kaleessa halkan du’uu Itti Aanaa Prezdentii biyyattii ka ta’an Suhuuluu Hassan beeksisaniiru. Suhuuluun kaleessa waarii booda, Magifuuliin dhukkuba onneef utuu yaalarra jiranii Hospitaala keessatti lubbuunsaanii darbee jedhan.

Mss. Suhuuluun Mootummaan Taanzaaniyaa gadda guyyaa 14 labsuu dubbatanii, sirni awwaalcha Prezdenti Magifuuliis dhiyootti beeksifama jedhan.

Gaggeessitoonni biyyoottanii hedduunis du’a Maagifuuliin booda, ergaa gaddaa ummata fi mootummaa Taanzaaniyaaf dabarsanii jiru. Dhiyeenya gaggeessaa Gamtaa biyyoottan Afriikaa bahaa tahuun ka muudaman Prezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa, biyyi isaanii gadda guyyaa 7 labsuu beeksisani.

Keeniyaatttaattis dabalata, Prezdentiin Ruwaandaa Poowl Kaagaamee fi ka Ugaandaa Yuweerii Museeveenii, ‘fakkeenyummaa magifuulii’ leellisanii gadda itti dhagaheme ibsatan.

Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Alii’s du’a Magifuuliif gadduu ibsanii, mootummaa fi saba Taanzaaniyaaf jajjabina hawwaa jedhan.

Ned Praayis dubbi Himaan waajjira haajaa alaa Yuunaaytid Isteetis Ameerikaan du’a Maagifuuliitti gadduu ishee ibsaniiru.Praayis, mootummaan Yuunaaytid Isteetis walitti dhufeenya saboota Taanzaaniyaa fi AMeerikaa cimsuuf akka hojjetu dubbatan. Yuunaaytid Isteetis Taanzaaniyaa keessatti qabiinsi mirga namoomaa akka fooyyawu, walabummaan akka dagaagu fi mootummaan biyyattii weerara Vaayresii kooronaa ittisuuf akka carraaquuf deeggarsa akka gootu beeksisanii sichis Taanzaaniyaan gara bulchiinsa Diimokraatawaatti akka ceetu abdii akka qaban dubbatan.

Weerara Vaayresii kooronaa biyyattii keessa jiru haaluu fi dhoksuun ka komataman Maagifuuliin nama ganna 61 fi abbaa ijoollee 5turan.

Bakka isaaniis Itti Aantuun isaanii Suhuuluu Hassan bakka buuti jedhameetu eeggama.

XS
SM
MD
LG