Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Namoomaa Itti Dabalaa Gaanfa Afriikaaf Kan Kennitu Ta’uu Labsite


Namoota buufata yeroo keessa jiraniif midhaan nyaataa Dhabbanni Nyaata Addunyaa dhiheesse yeroo rabsamu, Adalee, Itoophiyaa, Amajjii 22, 2022.
Namoota buufata yeroo keessa jiraniif midhaan nyaataa Dhabbanni Nyaata Addunyaa dhiheesse yeroo rabsamu, Adalee, Itoophiyaa, Amajjii 22, 2022.

Jeneevaa keessatti marii sadarkaa ol aanaa dhimma hongee gaanfa Afriikaa irratti geggessameen Yunaayitid Isteetis doolaara miliyoona $200 ol itti dabaaa naannoo gaanfa Afriikaaf kan kennitu ta’uu beeksistee jirti. Deggersi kunis hongee hamaa ilaalchisee fedhii namoomaaf deebii kennuu baqqattootaa fi kanneen biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’an akkasumas kanneen naannoo walitti bu’iinsaa keessa jiran gargaaruuf oola.

Erga yeroo bajataa bara 2022 qabee Yunaayitid Isteetis gargaarsa namoomaa naannoo sanaaf kan oolu doolaara miliyoona $361 gumaachistee jirti.

Deggersi uummata Ameerikaa kun michoonni sadarkaa addunyaa, nyaata madaalamaa dhiyeessuu, tajaajila eegumsa fayyaa, dhyeessii bishaan qulqulluu, qulqullina naannoo eegsisuu walumaa ggala jireenya namaa deggeruu dabalatee fedhii namoomaa naannoo sanaa guutuuf akka ta’uu dubbi hinaan ministrii dhimma alaa Ned Price ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG