Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Waa'ee Tigraay Yaaddoo Qabdu Ibsite


Namoota Sudanitti baqatanii buufata yeroo hamdayaat keessa jiran, SUdaan, Bitootessa 14, 2021
Namoota Sudanitti baqatanii buufata yeroo hamdayaat keessa jiran, SUdaan, Bitootessa 14, 2021

Humnootiin waraanaa gargaarsii dhala namaa Tigraay akka hin sennee dhorkuun mirkanaa’uu fi gochi kun dabalaa adeemuun akkaan kan ishee yaaddeesse ta’u Yunaaytid Isteetes beeksiiftee jirti.

Amalli fudhatama hin qabne akkasii kun uummata Tigraay kan miliyoona 5.2 ta’an kanneen gargaarsa dhala namaa hatattamaan barbaadan balaa irra buusa jetti.

Mootummonni Ertraa fi Itiyoophiyaa waraanni isaanii Tigraay keessaa qaban gocha balaaleeffatamaa kana akka dhaaban fi irraa akka of quusatan Yunaaytid Isteetes gaafattee jirti.

Gamnii hundumtuu seera gargaarsa dhala namaa kan addunyaa, kan siviilootaaf eegumsa gochuu jedhu dabalatee dirqama jiruuf akka kabajan, dinummaan wal ilaaluun dhaabatee namoota rakkataa jiraniif gargaarsii akka dhaqqabu jettee jirti.

Mootummaan Itiyoophiyaa kanaaf qooda hoggantummaa fudhatee battalumatti kanneen gargaarsa raabsan dhorkaa tokko malee Tigraay seensisuun akka hojii irra oolchuu gaafanna jedhamee jira. Keessumaa waraannii Ertraa fi humnootiin bulchiinsa naannoo Amaaraa gocha sukanneessaa rawwachuun isaanii gabaafamaa jira.Looltonni Ertraa Tigraay keessa turun immoo tasgabii fi tokkummaa Itiyoophiyaaf dadhabsa jedhamee jira.

XS
SM
MD
LG