Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Daandiin Bobaaa Amerikaa Gama Bahaa Haleellaa Marsariitiin Danqame 


Raabsiin boba’aa kutaalee Ameerikaa keessa guyyoota ja’aaf rakkoon isa mudachuun rifaatuu erga uumee booda, kan haleellaa Marsariitii irraa Raashiyaan ittin himatamte kan Darkside jedhamuun danqamee ture amma itti fufee jira.

Kanneen konkolaataa oofan akka hin rifanne prezidaanti Joo Baayiden dubbataniiru. kun yeroo dhaaf waan ta’eef guyyoota itti aanu keessa boba’aa barbaachisuun ol bitachuun hin barbaachisu jedhan.

Prezidaantichi buufataaleen boba’aa gurguran gatii ol kaasuu irraa akka of qusatan akeekkachiisaniiru.

Yeroo akkasii uummatatti hin fayyadaminaa jechuu dhaan White House irraa dubbataniiru. Eenyu iyyuu fedhii maallaqaa guuttachuuf yeroo kana fayyadamuu hin qabu jedhan.

Ujummoon boba’aa Ameerikaa guddichi kan Colonial jedhamu hojii isaa bifa amansiisaa ta’een jalqabuu gama ilaaleen fooya’ina argmsiisee jira.

Kanaaf dhiyeessii oomisha keenyaa gabaawwan itti fayyadaman hedduuf raabsuu jalqabuu isaas gabaasuu ni danda’a jechuu dhaan kampaniin sun kamisa kaleessaa ganama ibsa baaseen beeksisee jira.

Hanga har’a waareetti sirni gabaa keenyaa nuti tajaajillu martinuu oomisha akka argatu goona jedhee jira.

XS
SM
MD
LG