Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaan Lallabaa Waldaa Orotodoksii Tigraay Ibsa Baase 


Faayilii - Abuna Maatiyaasii, Finfinnee, Ebla 17, 2020
Faayilii - Abuna Maatiyaasii, Finfinnee, Ebla 17, 2020

Waldaan Orotodoksii kutaan lallabaa Meqelee fi waldaan eebbifamtoota wangeelaa naannoo sanaa ergaa Abuna Maatiyaasiin darbe kan deggeran ta’uu ibsa barreeffamaan baasanii beeksisaniiru.

Ibsichi, duula fixiinsa sanyiitu raawwatamaa jira jechuun kan paatriyaarikchiaan ibsame raawwatamaa kan jiru keessaa qaama murtaa’e qofa jedha. Wixata darbe muummichi barreessaan siindoosiin waldattii Abuna Yooseef ibsa kennaniin, ibsi paatriyaarikichaa sinoodoosicha bakka hin bu’u jechuun ibsanii turan.

Waldaa Orotodoksii Maqalee biraa ibsi ba’e kun dararaa naannoo sana keessatti raawwatamu akka hin dubbanne abunichi dhokramuun isaanii, bifa bittaa sirrii Itiyoopiyaan itti jirtu agarsiisa jedhan.

Gochi dubartoota irratti raawwatame suukaneessaa fi seenaan kan hin irraanfanne ka jedhu ibsi kun, hambaawwan seenaa seena qabeessa kan Tigraay irratti fuuleffatamuu kan abuna Maatiyaas ibsan sirrii dha jedha ibsichi.

Mootummaan Itiyoopiyaa, Amaarri, Eertraa, Somaalee fi Tokkummaan Emireetota Arabaa wal ta’anii uummata Tigraay irratti weeraraa fi fixiinsa ennaa oofan, uummata Tigraayii fi waldaa ishee gananiiru jedha ibsi sun.

Dararaan uummata Tigraay addunyaa keessatti argamee kan hin beekne, dararaan bifa maraa raawwatameera kan jedhu ibsichi, paatriyaarikichaan dhugaa hin dubbatinaa kan jedhan ni balaaleffanna jechun ibsee jira.

Dhimma kana irratti waldaa orotodoksii ol aanaa biraa deebii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne jechuun Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG