Bokoo Haraam Durboota Chippook Waggaa Lama Dura Butee Fudhate Viidiyoo Haaraatti Agarsiise

  • Namoo Daandii

Bokoo Haraam Durboota Chippook Waggaa Lama Dura Butee Fudhate Viidiyoo Haaraatti Agarsiise

Eega gareen fiinxaaleyyii Islaamummaa Naayijeriyaa keessaa kaleessa viidiyoo haaraa baaseen ijoollee durbaa bara bara 2014 butee fudhate keessaa shantama agarsiisee booda, mootummaan Naayijeeriyaa ka garee sana quunnamuutti jiru ta’uu dubbatee jira. Viidiyoon haaraan kaleessa Yuutuubii irratti bahe tokko, nama fuula isaatti aguuggatee uffata waraanaa uffate. Dubartoota gara shantamaa ijaabii aguuggatan fuul-dura dhaabatee, agaan Hawusaatiin dubbata.

Mootummaan Naayijeeriyaa namoota Abuujaa, Legoosii fi Maayidguurii keessatti hidhee jiru akka gad-lakkisu dhaamsa dabarsina – jedha.

Gaaffii kana, ammaan dura illee dhiheessee ture – Boko Haraam. Amma garuu, ijoollee durbaa “Chipook” sana gad-lakkisiisuuf jecha, mootummaan Naayijeriyaa yeroon dhimma kana irratti Boko Haraam waliin dubbachuu qabu amma - jedhu – kanneen deebisamuu ijoollee durbaa sanaaf falman.

Jaarmayaa akka ijoolleen durbaa Naayijiriyaa BOKO HARAAM-n butamanii fudhataman akka deebisamaniif hojjetu, ka “BRING BACK OUR GIRLS” jedhamu kanneen hoogganan keessaa tokko Olantunjii Olan-rewajuu akkana jedhu.

Ittiin-qabatanii, namoota isaanii gad-lakkisiisuuf, garuu – ijoolleen durbaa sun amma illee lubbuun jiru taanaan, haala itti waliin dubbatamu miijessamuu qaba. Isaan namoonni isaanii akka hiikaman barbaadu. Mootummaan eega ijoolleen durbaa sun hiikamanii booda, tarii jara faana dha’uu danda’a. Marii mormuu hin qabnu. Guutmmaa addunyaa irratti, mariiwwan geggeeffaman argaa jirra, jedha - Olaatuunjiin.

Gurmuun kun magaalaa Abuujaa keessati duula isaa eegalee, karaa Miidiyaa Hawaasummaa guutummaa Addunyaa irratti babal’ifatee jira. Durboonni sun akka Viidiyoo irratti mul’atan irratti miidhamoo fakkaatan.

Viidiyyoon sun fakkii reeffota dhiigaan laaqamaniitiin xumurama. “reeffota ijoollee durbaa Chiippook haleellaa humna qilleensaa Naayijeriyaatiin dhumanii ti” – jedha – namichi ijoollee durbaa sana fuul-dura dhaabbatee dubbatu.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Bokoo Haraam Durboota Chippook Waggaa Lama Dura Butee Fudhate Vidiyoo Haaraatti Agarsiise