Yaada Ofii Walabummaan Ibsachuun Mirga Bu’uuraa Barbaachisaa dha: Embaasii Ameerikaa Kan Finfinnee

  • Tuujubee Horaa

Embaasii Yunaaytid Isteets, Finfinnee

Yaada ofii walabummaan ibsachuun, mirgawwan dhala-namaa bu’uraa baay’ee barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’uu ka dubbate – Itiyoophiyaatti, Embaasiin Yunaayitid Isteets, namoonni akka mirgi isaanii akka hin kabajamiiniif ennaa itti dhaga’amu kan ittiin gaaffii isaanii dhiheeffatan mirga kanaan ta’uu hubachiisee jira.

“Yaada namootaa wajjiin walii-galuu dhabuu dandeessa. Garuu, namoonni sun yaada isaanii dubbachuuf mirga qaban kabajuufii qabda” – jedhu – dubbi-himaan Embaasii Yunaayitid Isteets – Nikoolaas Barneet.

Kanneen dirree sabaa-himaa yokaan Miidiyaa Hawaasummaa Embaasichaa horfofaniifis dhaamsa qaban.

Yaada ijaarsaa fi yaada kabajaa namummaa qabuun akka itti hirmaatan waamicha dhiheessan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa