Qulqullina Dhunfaa fi Kan Naannoo Eeguun Dhukkuboota Daddarban Ittisuuf Akkaan Barbaachisaa Dha

  • Jaallannee Gammadaa

Qulqullina Dhunfaa fi Kan Naannoo Eeguun Dhukkuboota Daddarban Ittisuuf Akkaan Barbaachisaa Dha

Biyyoota kutaa Afrikaa Bahaa keessatti dhibeen Koleeraa akkasumas garaa baasaa Arifachisaa fi haqqisaan uummata irratti rakkoo geesisaa akka jiru gabaafamaa jira.Konyaa somaaliilaand kan taate Buuhoodle keessattis namnii 9 dhukkuba Koleeraan du’uun ibsamee jira. Daayreekteerri ministrii eegumsa fayyaa biyyatti Abiib Adam Nur akka jedhanti namoonni 31 koleeraan qabamanii Hospitaala seenanii jiru.

Buuhoodlen Itiyoophiyaa waliin akka wal daangeessitu kan ibsan Nur sochii uummanni daangaa ce’uun gaggeessuun dhukkubii kun dhufe jedhan.

Bulchiinsa naannoo Somaalee kan Itiyoophiyaa keessatti dhukkubii garaa baasaa fi haqqisaa arifachisaan lubbuu namaa galaafachuu isaa dhiyeenya kana ibsamuun ni yaadatama.Dhukkuboota kana haala dursanii ittisuun danda’amu irratti Dr. Masfiin Ittaanaa ibsa nuu kennanii jiru.

Kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Qulqullina Dhunfaa fi Kan Naannoo Eeguun Dhukkuboota Daddarban Ittisuuf Akkaan Barbaachisaa Dha