Marii Paarlaamaa Itiyoophiyaa Keessatti Gaggeeffame Paartileen Morkitootaa Attamitti Ilaalan?

  • Jaallannee Gammadaa

(Suuraa faayilii)

Mummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad Wiixata darbee Guraandhala 2 bara 2020 paarlaamaa biyyatti wajjiin mata duree adda addaa irratti gaaffii fi deebii gaggeessuun isaanii ni yaadatama.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame Kana ilaalchisee dhaabolii morkitootaa yaada kennaiin rakkoo Oromiyaa keessaaf furmaata argan ibsu jennee eegnee turre jedhu.

Barattoota Yunivarsitii Dambii Dolloo irraa butaman jedhamee kan ibsame sun agarsiisa Do’ii malee waan dhugaa miti. Uummata Oromoo maqaa balleessuuf duula gaggeeffamee dha jedhu.

Maraafuu rakkoo godinaalee Oromiyaa kan akka wallaggaa Bahaa, Qellam Wallaggaa, Gujii fi Borana keessatti rakkoo mudatee karaa nagaan hikuuf furtuun isaa harka Mummichi Ministeeraa jira jedhu paartileen morkitootaa kun.

Obbo Mulaatuu Gammachuu itti aana dura ta’aa KFO akkasumas Obbo Qajeelaa Mardaasaa itti gaafatamaa sab-quunnamtii ABO waliin Gaaffii fi Deebii Gaggeefame Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Marii Paarlaamaa Itiyoophiyaa Keessatti Gaggeeffame Paartileen Morkitootaa Attamitti Ilaalan?