Walitti-bu’insa Finfinnee, Naannoo 24 Jedhamutti Uumameen Namoota Sadii Tu Du’e

Faayilii - Magaala Finfinnee

Kibxata kaleessaa naannoo walakkeessa halkanii Finfinnee bakka 24 jedhamee waamamutti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota sadii darbuu jiraattonni naannoo ibsaniiru.

Jiraattonni hangi tokko VOAf akka ibsanitti walitti bu’iinsi sun humnootii nagaa eegsisanii fi namoota naannoo sana turan gidduutti kan ka’e bakka sababaa hojii amantiif dallaan itti ijaarametti jedhan.

Itti aanaa bulchaan Finfinnee Injiner Taakkelee Uumaa fuula FB isaanii irratti ibsa baasaniin, walitti bu’iinsa sanaan lubbuun namaa darbuutti gadduu isaanii ibsanii qaamotiin badii dalagan seeraan akka gaafataman goona jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti-bu’insa Finfinnee, Naannoo 24 Jedhamutti Uumameen Namoota Sadii Tu Du’e