Traamp Bara Lamaaf Dilaala Doolaara $750 Qofa Baasan: Gabaasa Niiw Yoork Taayimsi

  • VOA

Prezidaant Doonaald Tramp waggaa afur ennaa kaadhimamaa prezidaantii turan, dhimma waa’ee dilaala baasuu isaanii ilaalchisee falmiin televiziyoona biyyoolessaa irratti ka’ee ture, ennaa Trampii fi mormituun isaanii Joo Baayiden filannoo prezidaantummaa bara 2020f Kibxata borii galgala falmii jalqabaa geggeessuuf qophaa’aa jiranitti deebi’ee ka’ee jira.

GaazixaanNiiw Yoork Taayimsi dilbata kaleessaa gabaasa dheeraa marsaritii irratti maxxanse akka ibsutti kan yeroo hedduu waa’ee hojii daldala isaaniitiin boonan, Tramp waggaa prezidaantummaaf dorgoman bara 2016 fi waggaa duraa hojii jalqaban bara 2017 keessa dilaalli isaan baasan doolaara $750 qofa.

Gaazixaan kun akka gabaasetti seenaa dilaala baasuu kan Taramp kan waggoota 20 gamaaggamee jira. Akkuma kanaan abbaa qabeenyaa gurgurtaa manaan of beeksisan, agarsiisa TV keessumeessaa kan turanii fi amma immoo nama siyaasaa kan ta’an Tramp, dilaala baasuu kan dadhabaniif sababaan doolaara miliyoona hedduutti laka’amu waan kasaaraniif jecha. Kunis prezidaantummaaf utuu hin dorgomin waggoota 15 turan keessaa waggoota 10f dilaala hin baafne.

Tramp faallaa prezidaantota Ameerikaa waggoota shantamman darbanii dhimmi dilaala baasuu isaanii ibsuuf tole hin jedhin kan hafaniif dhaabbata galii biyya keessaan qoramaa akka jiran ibsanis dhaabbati kun namni dhuunfaa yoo waa’ee dilaala isaa akka beeksisu hin dhorku. Waa’ee gabaasa Sanaa gaafatamaniis oduu kijibaa ti jedhan.