Godinaa Matakkal Keessaa Hidhamtoonni 600 Ol Hiikaman  

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal keessatti, riphxe loltoota mootummaan “ABO Shanee” jedhee waamuu fi humnoota biroo deggeruutiin namoonni shakkamanii waggoota muraasaa fi baatiiwwaniif hidhamanii turan wabiin gad-dhiifamuu isaanii kanneen gad-dhiifaman sana keessaa hagi tokko dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaa Matakkal Keessaa Hidhamtoonni 600 Ol Hiikaman

Namootni ammallee mana hidhaa keessatti hafan akka jiran immoo maatii keessaa dubbatan.

Itti gaafatamaan sab-quunnamtii, Waajira Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Awwal Sulxaan, namootni gocha yakkaan shakkaman hedduun mana hidhaa naannoo Benishaangul Gumuz keessaa mirga wabiidhaan hiikamuu dubbatanii, warri hin hiikamne, yakka mirga wabii hin kennisiisneen waan shakkamaniif hafan jedhan.

Dhimma kana ilaalchisee hooggantoota Komaand Poostii godinaa Matakkal irraa ibsa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin goone hin milkoofne. Gabaasaa guutuu caqasaa.