Wal-danqaan Siyaasaa Somaaliyaa Keessaa Furmaata Hin Arganne

  • VOA

Faayilii - Prezidaant Mohammed Abdullaahii Farmaajoo

Somaaliyaa keessatti jimaata dabre kana waa’ee prezidaantii haarawa filuu irratti hoogganoota mootummaa federaalaa fi ka bulchiisota naannoo gidduutti wal-danqaa uumame furuuf carraaqqiin godhame eega milkaa’uu dhabee booda, paarlaamaan biyyattii immoo Sanbata dabre yeroo taayitaa prezidaantii amma taayitaa irra jiranii, kan Abdullaahii Farmaajoo dheeressuuf yaada dhihaate kuffiisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-danqaan Siyaasaa Somaaliyaa Keessaa Furmaata Hin Arganne

Mohaammad Kaahiyyee Moqdishoo irraa akka gabaasetti, Afo-yaa’iin Paarlaamaa Simaaliyaa Mohaammad Musaal Sheek ibsa kennaniin, “yeroo taayitaa prezidaant Mohammed Abdullaahii Farmaajoo ka Wixata har’aa, Guraandhala saddeeti dhumatu dheeressuuf, karoorri lafa kaa’ame hin jiru,” jedhan.

Prezidaantichi fi Muummichi-ministaraa Mohaammed Huseen Roobalee akkasumas hoogganoonni bulchiisota naannoo biyyattii shanii, sirna ittiin prezidaantii haaraa filatan irratti mari’atanii waliigaluu dadhabanii booda ture, Mursaal kan kana dubbatan.