Koolu Galtoonni 800 Kanneen Gara Xaaliyaaniitti Imalaa Turan Galaana Irraa Lubbuun Ooluun Baraaraman 

  • VOA

Andaarri galaana Xaaliyaanii lama bakka koolu galtoonni dhibbaan laka’aman itti yaa’an ta’aii jiran. Dooniin dhaaba gargaarsaa tokko garba Mediteraaniyaan keessaa yabalawwan namoota seeraan nama deddeebisan irraa namoota 236 baraaranii jiran. Gama biraan waardiyyaan andaara galaaa Xaaliyaanii fi poolisiin daangaa eegu koolu galtoota 532 baraaruu dhaan gara odola xiqqoo tokkotti geessanii jiran.

Gareee baraarsa galaana irraa kan SOS Mediterranee jedhamu akka jedhetti dooniin isaa Ocean Viking jedhamtu guyyoota afur dura yabala laastikaa irraa ijoollee maatiin bira hin jirre 119 dabalatee koolu galtoota baraaruu dhaan gara bakka amansiisaatti geessitee jirti.

Bulchaan Odola walakkeessa Xaaliyaanii irra Afriikaa kaabaatti dhiyaatu kan Lampeeduusaa akka jedhanitti koolu galtoonni 532 kanneen yabalaawwan afur irra turan baraaramanii gara dugdee galaanaatti ba’aniiru jedhan. Baatiin birraa ennaa qileensi ho’uu jalqabu lakkoobsi yabalawwan seeraan ala namoota Libyaa irraa gara Awroppaatti ceesisanii dabalaa adeema.