Sammuun Putiin Hojiin Dhaabee Jira: Hiriirtoota 

  • VOA

Humnootiin Raashaa Kibxata dabree Yukreeniin eega weeranii booda, lammiwwan Amerikaa Kamiisa kaleessaa daandilee irratti mormiif ba’anii turan.Yukreen keessatti nagaan akka bu’u akkasumas dullii waraanaa akka dhaabatu gaafatan.

Raashaa Dhaabuu Qabdu, jechuun waltajjii Taaym Iskueer kan magaala Niiw York irratti kanneen hiriiran kun, duula waraanaa dhaabaa jechaa gara waajiira Diploomaasii kan Raashaatti qajeelaa turan.

SEE ALSO: Prezidaantii Raashaa Mormuun Hiriirri Gaggeefamee Jira 

Magaala Yukreen keessa lammiwwan Yukreen kuma 100 fi uma 50 ta’antuu jiraata.

Prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydiin Kamiisa kaleessaa uggurri dabalataa kan waa’ee caasaa Baankii fi sharafa maallaqaa ilaallatu Raashaa irra ka’amuu ibsanii turan.

SEE ALSO: Seera Tumtoonni Yunaayitid Isteetis Putin Yukireeniin Weeraruu Isaanii Balaaleffatan 

Weerarrii kun ituu hin gaggeefamiin torbanneen dursee Beelaaruus humnootiin Raashaa biyya ishee keessa akka qubatan gochuun, gama kaabaa irraan biyya ollaa ishee gama kibbaa Yukreen akka haleelamtuuf haala mijeesse.