Gimbii, Dambi Doolloo fi Gambeellaatti Har’a Nagaan Deebi’uun Himame

Magaala Dambi Doolloo

Magaalota Gaambellaa, Gimbiifi Dambi Doollootti erga humnootni mootummaafi riphxee-loltootni kaleessa dhukaasa walitti bananii as, har'a akka tasgabbiin mul'atu jiraattota keessaa hagi tokko ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gimbii, Dambi Doolloo fi Gambeellaatti Har’a Nagaan Deebi’uun Himame

Biiroon Nagaafi Tasgabbii Naannoo Gaambellaa gama isaan har'a Gaambellaa keessatti tasgabbiin deebi'eera jechuun beeksise.


Gama biraan, Ministarri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, "Shaneen, qaama mootummaa waraanuuf qophaa'e waliin tahuun kaleessa Gaambellaa fi Dambi Doollootti dhukaasa banus, tarkaanfiin irratti fudhatameera" jechuun ibsee jira.

SEE ALSO: Gimbii, Dambi Doolloo fi Gaambeellaa Keessatti Riphee-loltoonnii fi Humnoonni Mootummaa Walitti Dhukaasuun  Himame