Godinaa Wallaggaa Lixaa, Aanaa Gimbii Keessatti Jiraattonni Hedduun Ajjeesamuun Himame  

FAAYILII - Magaala Gimbii, Walaga Lixaa

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa, aanaa Gimbii keessatti, “Riphxe loltootni namoota meeshaa waraanaa hin hidhatin hedduu ajjeesan”jechuun kanneen ijaan argine jedhanii fi maatii keessaa dubbatanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Aanaa Gimbii Keessatti Jiraattonni Hedduun Ajjeesamuun Himame

Bulchaa itti-aanaan Gimbii obbo Shaafee Alamuus, “ABO Shaneen daa’immanii fi dubartoota dabalatee namoota nagaa hedduu ajjeese,” jedhan. Waa’ee ajjeechaa kanaa kan gaafataman dubbi himaan idil addunyaa gurmuu riphxe Loltootaa "Waraana Bilisummaa Oromoo" jechuun of waamuu, Obbo Odaa Tarbii, "Gocha kana WBO'n hin raawwanne, humnoota mootummaatu dhukaasa bane" jechuun haalanii jiru.

SEE ALSO: Gimbii, Dambi Doolloo fi Gaambeellaa Keessatti Riphee-loltoonnii fi Humnoonni Mootummaa Walitti Dhukaasuun  Himame  

Hooggantoota mootummaa naannoo fi federaalaa irraa dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf yaallee itti hin milkoofne. Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahmad gama Miidiyaa isaaniin “Naannoowwan haleellaan itti raaw’atametti nagaa fi tasgabbii deebisuun hojii nuti ammas dursa keenninuuf” jechuun ibsan.