Waraansa Israa’elii fi Humnoota Hamaas Giddutti Ka’een Siiviloonni Gam-lameenii Akka Miidhamaa Jiru Amnestii Internaashinaal Ibsa Baase  

  • VOA

Walwaraansaa umnoottan Israa’elii fi humnoottan garee Hamaas gidduutti taasufamaa jiruun gara lammaniinuu Siviilonnii gatii kaffalaa jiraachuu isaanii dhaabanni mirga namoomaatiif falmuu Aministii internaashinaal ibsee jira.

Dhumiinsi Siviilotaa Gaazaa, Isiraa’elii fi west Baank keessatti raawwachaa jiru akka isa yaaddesse kan ibsee Aminestiin, gareewwaan lammanuu dhangala’isaa dhiigaa hambisuudhaaf akka seeraa Aduunyaatiif abbooman gaafatee jira.

SEE ALSO: Deggertoonni Falasxiin fi Deggertoonni Isiraa'el Yunaayitid Isteetis Keessatti Hiriira Bahan 

Haa ta’u jedhamee haleellaan siviilotaa irratti raawwatu yakka waraana akka ta’e kan beeksise Aminestiin, Isra’eel gaazaa keessatti yakkaa waraanaa suukaneesaa ta’e raawwachuudhaan seenaa beekamaa akka qabdu himee, hidhattonni Plastiiyiins siviilotaa irratti xiyyeeffachuun ajeechaa jumlaa raawwachaa akka turan beeksiseera.

SEE ALSO: Isira'eel Haleellaa Haalo-Bahinsaa Hamaas Irratti Geggeessuu Itti Fuftee Jirti 

Hundeen maraammartoo hokkora kanaa akka xiyyeefannaa argachuu qabu kan gaafatee Aminestii Internaatinaal, hawaasinii aduunyaa akkaataa seera adduunyaatin atattamaan dhimicha keessaa seenee sivilootaaf eegumsa taasisuudhaan dhumiinsaa caalaa dhufuuf jiru akka dhaabsisu gaafatee jira.