Abbaan Warraa Mootitti Briteen Du’an Boqotan 

  • VOA

Ibsii midiyaaf ergamee fi beeksisii balbala masaraa mootii kan Baakinghaam Paalaas jedhamu irratti maxxanfame akka agarsiisuutti mootiin Fiiliip umrii isaanii 99tti du’an boqotanii jiru.

Haatii warraa isaanii Motittiin ykn Kuwiin Esizaabet abbaa warraa isaanii kan biyya Griikti dhalatan Filiip du’an of biraa dhabuu isaaniif hedduu gadduun isaanii ibsamee jira.

Priins Filiip jalqaba bara 2021 irra kan duraanuu qaban dhukkuba onneen torbanneeniif hospitaala seenanii turan.Wal’ansii baqaqsanii suphuu erga godhameefii booda baatii Bitooteess darbe mana ofitti deebi’anii turan.